Projectii Jalqabaa

Marsaa duraa irratti, karoorri jiru ijaarsa waan gara garaatiif ta’u akkuma san mana fincaani akka adduniyaan qajeeltee ijaartutitti ijaaru. Planaanii gamoo kana as tuqaa dubbisuuf.

Bajata

Pirojektii kanaaf baajatni Birrii miiliyoona 15 akka ta’u tilmaamameera. Bal’ina baasii kanaa as irraa argachuu dandeetuu.

Pirojektichaaf maallaqa argamsiisuu

Bakka kana ijaaruuf, maallaqni bakkeen inni irraa dhufu, arjummama nama maraati. Kabajaan akka arjoomtan isin gaafanna.

Tajajila DHCin dhiyeessuuf deemu

Pirojektoonni Darulahayat (DHC) pirojektoota xiqqaa adda addaa irraa ammata. Erga xumuramee booda DHC tajaajila kanneen armaan gadii ni kenna:

  • Bakka Salaata (Prayer area)
  • Mana kitaabaa (Library)
  • Tutoring
  • Afaan barsiisu (Languages teaching)
  • Quraanaafi wayee Islaammuumma barsiisuu (Qur’anic and Islamic studies)
  • Lenjii ogummaa (Vocational training)
  • qorannoo daldalaa (Business research)
  • Galma ispoortii fi ummataa (Sport and public hall)
  • mana fincaaniif nafa dhiqataa (bathrooms)

Maaliif tajajilli kunnin filataman?

Rakkoon hawaasni naannoo kanaa maal fa’a? Rakkoon hawaasni naannoo kanaa mudatu hedduudha.Isaan keessaa hanqina qabeenya dhaabbilee barnootaa kanneen, mana kitaabaa, tajaajila interneetii bilisaa fi kkf. Rakkooleen kun haala dinagdee, hawaasummaa fi fayyaa, akkasumas dandeettii wollaalumma fida.

Dabalataanis dhiibbaan hawaasatti wollaalumman fiddu keessaa carraama jirtu akka hin argine godha. Waan sila aragatan waan irraa arguu danda’an waan hin beeyneef ufduuba hafan.

Cinqaan barmoota dhabuu waan itti geessu

Dhiibbaan qabatamaan ka wallaalumman hawaasa kanaa fi hawaasa kana fakkaatan irratti fidu maali? Dargaggeeyyiin naannoo kanaatiifii asitti dhiyaatan hiyyummaa irraa uf baafna jedhanii biyyanaa abdii dhabnee jedhanii taarkaanfii biyyaa karaa seeraatiin alatti worra biyya keessaa badaa jiruu keessa jiran. https://home-affairs.ec.europa.eu/policies/migration-and-asylum/irregular-migration-and-return/migrant-smuggling_en, Webiste, European commission, irraa oduun gadi dhiifame akkan jedha. Warri godaansa deeman ka lubbuu isaanii bahra Mediterranean kessatti dhaban akka rakkoo isaanii kana gara maraanuu laalutu narra jira jedhan. Namootiin naannoo kanarraa bifa Kanaan biyya ufii dhiisan jiruu irra garii arganna jehdanii dhuman hedduu.

Gumaacha akkam DHCiin Godha?

Tajaajilli DHC fidu rakkoolee walxaxaa kana woyyeessuuf akkamitti gumaacha?

Carraa dalagaa ykn ammoo daladala uumuun naannoo kanatti hin aanjaya. Tajaajilli DHCiin fiduuf deemu carraan kun akka aragamee dalagaa irraa oluu aanjessa. Carraa kanniin argamsiisuuf ummanni naannoo kanaa barmoota argatu tuu isarra jira. Kanaafuu tajaajilli mana kitaabaa, afaan biyya alaa barachuu, qorannaan akka itti dalagaa haaraya itti argamsiisan godhuu taarkaanfi gudda. Tajaajilli DHCiin aragamsisuu bu’aan inni fiduu hagana jedhamee waan himamee dhumuu miti. Wonti namuu bakka jirutti hubatuun isarra jiruu, muxannaa asirraa argannu hawaasa bakka biraa jiru, bakka tayee haa ta’uu, qooduufiif DHC qophaaya.

Galmoota isaa DHCiin akkamitti itti gaya?

Tarreen tajaajiloota armaan olitti agarsiifaman dheeraa dha. Haa ta’u malee galmoota kana marsaa marsaan galmaan ni geenya. Pirojektiin DHC marsaa gurguddoo lama irraa kan ijaarame yoo ta’u marsaan. Marsaan gurguddoon lamaan (1) ijaarsa walii galaa DHC fi (2) Marsaa Ijaarsa DHC boodaa kan galmoota tajaajila DHC hojiirra oolchuu of keessaa qabu. Sadarkaa kana irratti xiyyeeffannaan gamoo ijaaruu. Gamoon kun waa heddu uf keessa qaba. Waan yaroo takkatti mara isaa ijaaruu hin dandeenneef jecha, adda addaan qodamee ijaarama. Ka jalqaba ijaarsa waa hedduuf ta’uf mana fincaaniitiifi mana nafa dhiqataati.

Waayee Gamoo DHC

Gamoon DHC kutaalee adda addaa irraa ijaarama. Fakkiin 1 kutaalee adda addaa ka Gamoo kanaa mul’isa.

Fakki 1

Gamoo guutu isaa yaroo takkatti ijaaruun heddu jaba. Kanaafu, ijaarsi gamoo kanaa bakka heddutti addaan qodame. Qoodaan duraa, mana ficaanii tiifi mana waan gara garaan keessaatti godhuu danda’an ijaaru. Manni waan gara garaan itti godhu danda’an kun salaataaf, sport keessatti godhuuf, bakkee itti barsisan akkuma san wol gayii kessatti godhuuf ta’a.

Manni fincaaniif ka nafa itti dhiqatan barmoota qulqullummaafi akkamitti mana fincaanii qulqulluu qabaatuun akk bu’aa qabu barsiisa. Dabalataan, bakkeen Daraul Hayaat irra jiruu karaa guddaa bira waan ta’eef namootiin kara kanarra konkolalaataan deeman bu’a irraa hin argatan. Manni fincaaniitiif ka nafa dhiqataa gariin isaa bilisaa miti. Maallaqa baasanii itti fayyadatan. Ka kara darbuuf kuwwanis bu’a argatan. Daarul Hayat akkuma san waa jalaa aragata.

Baasiin marsaa jalqabaa ka gamoo ijaaru, birrii miiliyoona 15 dhiyaata. Baasiin kun akkuma anmuu beeku akka laafatti ol ka’uu isaa hin oolu. Waan nu harka qabnuu mitii. Kanaafuu daddaffiin projectii kanarratti taarkaanfachuun waa hedduuf gaari, barbaachisas.