Darul Hayat barnoota, fayyaa fi jireenya dinagdee worra carraa hin qabne fooyyessuuf gumaacha godha.
Nu Eennu
Darul Hayat Centre (DHC) hawaasa naannoo sanaaf carraa barnootaa fi jiruu ummata naannoo kanaa woyyeessuu irratti xiyyeeffata. DHC kun Itoophiyaa, Oromiyaa, Arsi Lixa, Laga Lencha Woshaa keessatti argama. Bakka kana Google Map irratti arguu hin dandeettan. Barmoota tajaajla asitti goonuu irraa baranne, hawaasa kana fakkaatuuf hin qoodna. Kanaafuu namuu waan DHC godhuu irraa bu’aa waan argatuuf nu bira dhaabadhaa.
Mall Feena
Bakka barattonni akkuma san wolii galiin ummata barmoota isaa itti jabeeffatu akkuma san jiruu isaa itti jabeeffatu ijaaruuf.
Hawwiin Keenna
Wonti arguu feenuu, yoo Rabbi jedhe, namoota harka qaalleyyii ta’an kara barmootaatiin akka jabaatanii carra dalagaa uumatan gargaaru.
Miidhaa Wollaalummaa
Hawaasni naannoo kanaa qabeenna jabaa, fkkeennaaf mana barmootaa, mana kitaabaa, internet kaa kanniin fakkaataa hin qaban. Rakkoon kunniin hiyuummaa, rakkoo hawaasaa ka akka jimaa nyaatuu akkuma san dhukkubaa argamutti geessa. Suraan 2 ka asii gaditti mul’atu kun hidhaa wollalummaafi, hiyyummaan akkuma san yakka dalaguun wolitti hidhaa qabu mul’isa.
Dhiibbaa dinagdee laalchisee, akkuma jarri Foundation (2018) gabaasa gadi dhiisan irratti akki jedhan, wollaalummaan dinagdee adduniayaa woggatti £800 billion nama dhbasiifti jedhan. Sababaa kana yoo himan rakkoo wollaalumaa irraa ka ka’e namni dalagatuu dadhabuu fi akkuma san gargaarsa worra barmoota hin qabneef kennamuuf irraa kan ka’e.
Rakkoon kun jabaataa deema akka dinagdeen addunayaa barmoota irratti irkatuun olfuudhamuun. Namootiin naannoo kanaatifii kana fakkaataa rakkoon isaanii jabaataa deema jecha. Kanafuu waayeen baramootaa kun akkaan haga ammaa irraa ol barbaachisa ta’aa akka deemu ifa galcha.
The relationship between illiteracy impacting education is also apparent.