Darul Hayat barnoota, fayyaa fi jireenya dinagdee worra carraa hin qabne fooyyessuuf gumaacha godha.


Worra maatii kana fakkaatan bira dhaabadhaa.

Worra naanoo kanaa adunyaan wol qunnamsiisuu

Namootiin naannoo kana jiran addunyaa bal’aan waliin wol qunnamuuf, afaanota bal’innaan dubbataman fayyadamuun barbaachisaa dha. Kanaafuu, afaanota kana barachuun gayee hedduu namaa bana. DHC keessatti sagantaan keenna Afaan Arabaa fi Ingiliffaa barsiisuudha.

Tajaajila mana kitaabaatiifi kennaa Internet

Gaheen mana kitaabaa (Library) worra barataniifi hawaasa maraa gragaaruu kessatti qoodni inni qabuu hedduu gudda. Galmoota DHC keessaa tokko mana kitaabaa ka kompiitaraafi internet qabu hundeessu.

Barattoota akka hawwii isaanii bakkaan gayan gargaara.

Naannoo kanatti manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa tokkoo fi sadarkaa lammaffaa tokkotu jira. Haa ta’u malee akkuma biyyatti manneen kunniin meeshaalee barattoonni hawwi isaanii bakkaan itti gayan hin qabu. DHCiin barnootaafi meeshaalee barnootaa barbaachisaa ta’an kan akka mana kitaabaa argamsiisuun hawwi worra baratuu baakaan gayuu hin gargaara.

Imaammat asii argannuu kaawwanii hin qoodna

Imaammatni DHC muxannoo fi ogummaa bakka kanatti argatu, hawaasa isa fakkaatuu dabarsee qooduuf qopphaaya.

Worra naanno kana ta’anii carraa dalagatuu hin gargaara

DHC keessatti carraa daldalaa naannoo kanatti hojiirra ooluu danda’u qoratee dalaga irra akka oolan hin gargaara. Akkasumas dandeettii DHC irratti hundaayuun namoota naannoo fi bakka biraa jiranis leenjii ogummaa kennuudhaaf hawwii qaba.